Luke 20:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre dootuun, “Barsiisa'a, wonni ati dubbattuu fi barsiittu dhugaa akka teete nuuti hin beenna; nama adoo wol hin caalchisin karaa Waaqaa dhuga'aan hin barsiitta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri suni isa gaafate waan jed'e, Aabbo, nu imbeenna aka atini waan d'uga dubbatte nama barsiiftu, nami ch'ufti sii haga tokotuyu, akuma d'uga kara Waaqa nama barsiifta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii sun isa gaafatee, “Barsiisaa, akka atin waan dhugaa dubbattee nama barsiiftu nu inbeenna, namii cuftii sii haga tokkotuuyyuu, karaa Waaqaa akkuma dhugaa nama barsiifta.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee Yesuusiin akkana jedhaniin, «Barsiisaa keenna akka ati dhugaa dubbattuu fi barsiiftu, namallee akka wol hin caalchifne hin beenna; dhugamaan karaa Rabbii barsiifta.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee Yesuusiin akkana jedhaniin, «Barsiisaa keenna akka ati dhugaa dubbattuu fi barsiiftu, namallee akka wol hin caalchifne hin beenna, dhugamaan karaa Rabbii barsiifta.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Toowattoonni'llee gara Yesusii dhiyaatanii akkana jechu'uun ni gaafataniin, «Yaa barsiisaa! Wonitti ati dubbattuu fi barsiifttu'llee dhugaa ta'uu isaa ni beekinna, karaa Waaqaa dhuga'aan barsiiftta malee, eennuuf'llee hin dalttu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre dootuun, «Barsiisa'a, wonni ati dubbattuu fi barsiittu dhugaa akka teete nuuti hin beenna; nama adoo wol hin caalchisin karaa Waaqaa dhuga'aan hin barsiitta.