Luke 20:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Barsiisa'a, Muuseen, ‘Nami tokko niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuuti” jedhee nu'uuf barreesseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jetteeni, Aabbo, aka Musani t'aafe gula, yo oboleesi nama ka niiti qabu due, ammo ilmaani inqamne, oboleesi isaa niiti suni d'aale oboleesa ufiiti ijoolle d'alchu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Barsiisaa, akka Museen barreesse gula, yo obboleessii namaa ka niitii qabu du'ee, ammoo ilmaan hinqamnee, obboleessii isaa niitii sun dhaalee obbooleessa ufiitii ijoollee dhalchu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Barsiisaa'a! Muuseen, ‹Namni tokko haadha manaa fuudhee ijoollee uduu hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee fiixaa obboleessa ufiitiif bakka haa buusuu› jedhee nuuf barreesseera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Barsiisaa'a, Muuseen, ‹Namni tokko haadha manaa fuudhee ijoollee uduu hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee fiixaa obboleessa ufiitiif bakka haa buusuu› jedhee nuuf barreesseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Yaa barsiisaa! Museen akkana jechu'uun nuuf barreessee jira, ‹naminni tokko finna uduu hin uumatin haadha worraa isaa irraa du'aan yoo fooyame, obboleessi isaa dubarttii san fuudhee, ka du'ee fiixaa bakka haa buusuuf.›
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Barsiisa'a, Muuseen, ‹Nami tokko niitii fuudhee ijoollee adoo hin uumatin isii irraa yoo du'e, obboleessi isaa haadha hiyyeessaa san dhaalee sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuuti› jedhee nu'uuf barreesseera.