Luke 20:33 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Amma, isaan torbaanuu niitumma'aan isii waan fuudhaneeranuuf, guyyaa du'aa ka'iisaa isiin eennuuf haadha manaa teeti ree?” jettee gaafatte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa worri duri due kau, isiini niiti eennu taati? Torbaanu ya isi fuute.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Torbaanuu ya isii fuutee, gaafa warrii durii du'e ka'uu, isiin niitii eennuu taati?” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu torbanuu waan fuudhaniiraniif, Isiin gaafa du'aa ka'iinsaa isaan keessaa haadha manaa eennuu taati?»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu torbanuu waan fuudhaniiraniif, Isiin gaafa du'aa ka'iinsaa isaan keessaa haadha manaa eennuu taati?»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Torbanuu tartiibaan isii fuudhaniinii jiraniitii eegaa yeroo worri du'an du'aa ka'antti, isiin kamiif haadha worraa taati?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma, isaan torbaanuu niitumma'aan isii waan fuudhaneeranuuf, guyyaa du'aa ka'iisaa isiin eennuuf haadha manaa teeti ree?» jettee gaafatte.