Luke 20:46 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dhedheertuu uffatanee asii fi achi ideemuu jaallatanu, addee dikko'ootitti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanu jaallatanu, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barcumaa dansaa, lafa jilaatittille addee ulfinnaa filatanu irraa ifi eegadha'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jara Seera beekhu eegad'a, ka woya d'ed'eertuuni yau fed'u, ka fulla gabayati aka nagaya fuud'ani fed'u, ka mana Waaqa iti kad'atani keesati dura tau fed'u, ka barch'uma dansa hojja sagale woliini nyaatani fed'u,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Jara seera beeku ka wayaa dhedheertuun yayaa'uu fedhu, ka fulaa gabaatti akka nagaa fuudhan fedhu, ka mana waldeennaa keessatti dura taa'uu fedhu, ka yo sagalee waliin nyaatan barcumaa dansaa fedhu,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Barsiisota seera Muuse'ee irraa of eegaa; isaan uffata dhedheeraa uffatanii worra asii fi achi naannayuu barbaadan, gabayaa keessattillee nagaya akka isaan gaafataniif mana sagadaatittillee barcummaa kabajja'aa; urgee nyaataatittillee hulee kabajja'aa waan barbaadaniif uf eeggadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Barsiisota seera Muuse'ee irraa of eegaa. Isaan uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naannawuu worra barbaadan, gabayaa keessattillee nagaya akka isaan gaafataniif mana sagadaatittillee barcummaa kabajja'aa urgee nyaataatittillee hulee kabajjaa waan barbaadaniif, uf eeggadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Uffata dhedheeraa uffatanii asii fi achi naanayuu, bakka gaba'aa titti nagaya kabajaa fudhachuu, bakka woligayi'ii titti'llee barcumaa ulfinnaa, bakka afeerri'itti'llee bakkee kabajaa worra jaalatan, barsiisota seeraa irraa ufi eeggadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Barsiisota Seera Muuse'ee, ka woyaa dhedheertuu uffatanee asii fi achi ideemuu jaalatanu, addee dikko'ootitti nageya ulfinnaa akka isaan fuudhanu jaalatanu, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa dansaa, lafa jilaatittille addee ulfinnaa filatanu irraa ifi eegadha'a!