Luke 20:47 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan mana haadhotii hiyyeessaa sossanee, itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan. Muraa hantu'utti isaanitti murama” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ka mana nad'eeni hiyyeeyiti wo nyaatu, ka kiyyibe kad'acha d'ed'eertu kad'atu. Yaka taka inargiini worrati murani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
ka mana nadheen hiyyeeyyiitii wa nyaatuu, ka kijibaan kadhachaa dhedheertuu kadhatu eegadhaa! Yakkaa takka hinargiin warratti murani” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan sababaa Rabbiin kadhachuu dheeressa'aa mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa nyaatu kunniin murtii hamaa argatan» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan faatee dheeressa'aa sababaa mana haadha hiyyeeyyi'ii irraa worri nyaatu kunniin murtii hamaa argatan» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee fakkeessu'uuf kadhannaa dheeraa dhiyeessaniin sababata'aa, dubarttoota abbootiin worraa isaanii iraa du'an ni saaman, kanaaf murtiin caalaa ta'e isaan ni argataan» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan mana haadhotii hiyyeessaa sossanee, itti aalatiisaaf dheeressanee daadimatan. Muraa hantu'utti isaanitti murama» jedhe.