Luke 20:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan waan kana irratti mari'atanee, “ ‘Waaqa irraa’ yoo jenne, ‘Maaf dubbii isaa hin dhugeeffatin ree?’ nuun jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri mariate waan jed'e, Yo nu, Gubbaa d'ufte jenne, Maafi ind'ugefatiina re? nuuni jed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii wal mari'atee, “Yo nu, ‘Waaqaa biraa dhufte’ jennee, ‘Maaf hindhugeeffatiinaa ree?’ nuun jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee akkana jedhanii mari'atan, ‹Rabbiin irra› yoo jenne, ‹Maaf itti hin amanne ree?› nuun jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee akkana jedhanii mari'atan, ‹Rabbiin irra› yoo jenne, ‹Maaf itti hin amanne?› nuun jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isan'llee akkana jechu'uun ufii isaaniitii woliin ni haasayan, «Waaqa irraayyi yoo jennee, ‹eegaa maali'iif itti amanuu diddan ree?› nuun ni jedha,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan waan kana irratti mari'atanee, « ‹Waaqa irraa› yoo jenne, ‹Maaf dubbii isaa hin dhugeeffatin ree?› nuun jedha.