Luke 20:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus itti aansee mammaassa kana kolba'atti mammaakee, “Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, qottee bultootaaf kireessee, biyya fago'oo dhaqee achi ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni mammaasa kana biyyati hime waan jed'e, Nami toko oobru zabibu oobre, hojattuti lakifate lafa d'ibi d'aqe ture.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus mammaassa kana biyyatti himee, “Namii tokko oobruu weynii oobree, warra hojjatee, isa waliin qoodatuutti lakkifatee, lafa dhibii dhaqee ture.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni mammaaka kana bani'itti himuu jalqabe. «Namichi tokko ashaakiltii woyini'ii dhaabee qonnaan bultootatti bara hedduuf kiraa kenne gara biyya biraa deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee mammaaka kana banitti himuu jalqabe. «Namichi tokko ashaakiltii woyini'ii dhaabee qonnaan bultootaaf bara hedduuf kiraa kenne gara biyya biraa deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus fakkeenna kana ummatatti himuu jala ni qabe, «Naminni tokko biqilttuu woyinni'ii ni dhaabe, qotee bulttootaaf'llee kireesseeti gara biyya bira'aa ni deeme, uduu hin deebi'in'llee yeroo baayi'eef ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti aansee mammaassa kana kolba'atti mammaakee, «Namichi tokko muka woyni'ii fichaa ifiititti dhaabee, qonnaan bultootaaf kireessee, biyya fago'oo dhaqee achi ture.