Luke 21:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni kun maraa adoo hin te'in dura, isaan isin hin qaban, hin miidhan; gara mana waaqeffaannaa Yihudootaatii fi mana hidha'aa dabarsanee isin hin kennan; sababa kiyyaaf fuula moototaatii fi bulchitootaa dura isin hin geessan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan kana ch'ufa durati isani qabani gaargalchani, maneeni Waaqa iti kad'atani duraani isani d'ufani, mana hid'aansa keesa isani buusani; maro tiyyaafi hayyootafi jaallaba dura isani geesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo waan kana cufaa duratti isan qabanii gaargalchanii, Manneen Waldeennaa duraan isan dhufanii, mana hidhansaa keessa isan buusanii, marroo maqaa kiyyatiif hayyootaa fi jaallaba dura isan geesan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana maraan duratti isin qaban; isin ari'an; waan kiyyaaf gara mana sagada Yihuudotaatii fi gara mana hidha'aatitti dabarsanii afoo moototaatii fi bulchootaa isin fidan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana maraan duratti isin qaban, isin ari'an, waan kiyyaaf gara mana sagada Yihuudotaatii fi gara mana hidha'aatitti isin dabarsan afoo moototaatii fi bulchootaa isin fidan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu kun marrinuu ta'u'uun duratti namoonni isin ni qaban, isin ni ari'an, gara bakka woligayi'iitii fi gara mana hidhaa'llee dabarsanii isin ni kennan, waayee maqaa kiyyaatiif'llee gara nugusotaatii fi gara bulchitootaa isin ni geessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni kun maraa adoo hin te'in dura, isaan isin hin qaban, hin miidhan; gara mana waaqonfannaa Yihudootaatii fi mana hidha'aa dabarsanee isin hin kennan; sababa kiyyaaf fuula moototaatii fi bulchitootaa dura isin hin geessan.