Luke 21:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus itti aansee, “Yerusaalem loltootaan marfanteertuun yennaa dhaggitane diigamuun isi'ii akka dhikaate hin beettan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo hojja duula Yerusalemu marsu argitani, aka badiini isii d'iaate beekha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ammoo yo duula Yerusaalem marsu argitan, akka baddiin isii dhi'aatte beekaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin yoo «Yerusaalem loltootaan marfamtee argitan hennaa san akka badiin isi'ii dhiyaate beekaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin yoo «Yeruusaaleem loltootaan marfamtee argitan hennaa san badiin isi'ii akka dhiyaate beekaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Yerusaalem loltoota diinaatiin marffamtee yeroo argitanitti, badu'uuf akka dhiyaatte beekaa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti aansee, «Yerusaalem loltootaan marfanteertuun yennaa dhaggitane diigamuun isi'ii akka dhikaate hin beettan.