Luke 21:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gariin goraade'een hin du'an, kuun gara biyya maraa hin booji'aman. Worri Yihudoota hin te'in haga yennaan isaanii muummottutti, Yerusaalem irra hin ejjatan” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra gari sheeftini fit'ani, ka hafele boojiani lafa d'ibi geesani. Gochiti d'ibiini d'ufte Yerusalemu ira ejaanjatti haga guyyaani isii hobauti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra garii goraadeen fixanii, ka hafeellee booji'anii lafa dhibii geessan. Gochii dhibiin dhufteetti haga guyyaan isii hobba'uutti Yerusaalem irra ejaajjatti” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan qara guraade'eetiin du'an, kuuwwan maruu ammo marti isaaniituu booji'amanii worra Yihuudota hin taaneen fudhataman. Haga barri namoota Yihuudota hin taanee dhumutti Yerusaalem ta namoonni Yihuudota hin taane dhidhiitan taati.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan qara guraade'eetiin du'an, kuuwwan ammoo marti isaaniituu hin booji'aman; worra Yihuudota hin taaneen fudhataman. Haga barri namoota Yihuudota hin taanee dhumutti Yerusaaleem ta namoonni Yihuudota hin taanee irra deddeemu taati.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan keessaa'llee baayi'eewwan billayaan ni ajjeefaman, kuunniin'llee booji'amanii gara biyya adda addaa ni fudhataman. Barri ummata Waaqaa dhuga'aa titti hin amannee haga raawwatamutti, Yerusaalem ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amaneetiin ta dhiitamtte ni taati.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gariin shallaaga'aan hin du'an, kuun gara biyya maraa hin booji'aman. Worri Yihudoota hin te'in haga yennaan isaanii muummottutti, Yerusaalem irra hin ejjatan» jedhe.