Luke 21:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan martinuu qabeenna isaan geyee hafe irraa keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, kama ittiin bultu maraa keessa buutte” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi jari kaani ch'ufti hori ufi gudda keesaa baase; ammo isiini hiyyuma ufi keesa hori qabdu ch'ufa baafte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanatiif jarii kaan cuftii horii ufii guddaa keessaa baase; isiin ammoo hiyyummaa ufii keessaa horii qabdu cufaa baafte” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunniin maruu bu'aa isaanii irraa meeshaa buusi'ii keessa buusan; isiin tun ammo dhidhinna isii keessaa waan qabduuf waan bultuun maraa kennite» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunniin maruu bu'aa isaanii irraa meeshaa buusi'ii keessa buusan; isiin tun ammoo dhidhinna isii keessaa waan qabduuf waan bultuun maraa kennite» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan ka kennan qabeenna isaanii irraa ka hafe, isiin garuu hiyyeettii taatee uduu jirttu womaayyuu uduu hin hanbbisin, jirttu, waan qabddu maraa ni kennite.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan martinuu qabeenna isaan geyee hafe irraa keessa buusane; isiin ammoo adoo hiyyeetti'iituu, kama ittiin bultu maraa keessa buutte» jedhe.