Luke 22:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni kolloo mana irraa badhoo, ta afantee meya manaatiin qophootte takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a!” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami suni mana gubba aanu ka miha qabu isani agarsiisa, achiti mid'aasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii sun mana gubbaa aanu ka mi'a qabu isan garsiisaa, achitti qopheessaa!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni mana mana gubba'aa gamoo keessatti galma afame badhaa isinitti mudhisaa achitti nuu qopheessaa'a!»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee mana mana irraa gamoo keessatti galma afame badhaa isinitti mudhisaa, achitti nuu qopheessaa'a!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee mana wol irroo gubba'aa ka bashannanaa ka jiruu fi afamee ka qophaaye galmma baldhaa isinitti ni muldhisa, achitti qopheessaa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni kolloo mana irraa badhoo, ta afantee meya manaatiin qophootte takka isinitti hin mudhisa. Achitti nu'uuf qopheessa'a!» jedheen.