Luke 22:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan dhaqanee wonni maraa akkuma inni isaanitti hime teeteeruun dhagganee, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Deemani akuma inni jed'e argani, Pasaka mid'aasani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Deemanii akkuma innii jedhe arganii, sagalee Dabarsaa achitti qopheessaan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee dhaqanii akkuma inni jedhe arganii hurbaata Ayyaana Faasika'aa qopheessan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee dhaqanii akkuma inni jedhe arganiiti hurbaata Ayyaana Faasika'aa qopheessan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barattoonni lamaan'llee deemanii, wonitti marrinuu akkuma Yesus jedhe ta'ee ni argatan, Irbaata Faasikaa'llee achitti ni qopheessan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan dhaqanee wonni maraa akkuma inni isaanitti hime teeteertuun dhagganee, sagalee Jila Irra Dabaramaa qopheessane.