Luke 22:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Xaltaa daabbo'oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, “Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a!” jedhaa isaanitti kenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni qit'a fuud'e, eebimnaani ch'ach'abse, worrati kenne waan jed'eeni, Kunini nafa kiyya [ka maro keesaniifi kennani. Waan kana tolcha na qaabad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan innii qixxaa fuudhee, Waaqaa galata galchee, caccabsee, warratti kennee, “Kunin nafa kiyya ka marroo teessaniif kennan, waan kana tolchaa na qaabadhaa!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Xoroshoollee fuudhee galatoonfatee cabsee, «Kun foon kiyya ka isinii kenname; ittiin na qaabadhaa'a!» jedhee isaanii kenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Xoroshoollee fuudhee galateeffatee, cabsee, «Kun foon kiyya, ka isinii kenname; ittiin na qaabadhaa'a!» jedhee isaanii kenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus hibsittii ol fuudhee eega galateeffateen duubatti, kukkutee barattoota isaatiin, «Hoo'aa, kun foon kiyya ka isiniif kennu, kana yaadannoo kiyyaaf taasfadhaa!» jedhee, isaaniif ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Xaltaa daabbo'oolle fuudhee, Waaqaaf galata galchee, cassee, «Kun foon kiyya, ka isiniif kenname; kana qaabbii tiyyaaf godhadha'a!» jedhaa isaanitti kenne.