Luke 22:32 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si'iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo anini yayu sii kad'ad'e aka d'ugefachaani tante inhanqanne. Ammalle atini eegi nati deebite, oboleyaani tante jabeesi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin ammoo akka dhugeeffachaan tantee hinhanqanne ya sii kadhadhee, atin yo gara kiyya deebite, obboleeyyan tantee jabeessi” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani ammo akka amantiin kee hin banne sii kadhadhe. Ati hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani ammoo akka amantaan kee hin banne sii kadhadhe. Atillee hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu amantiin keessan akka hin banneef ani siif ni kadhadhe, yeroo deebitetti'llee, obboleeyyan kee jabeessi.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammoo dhugeeffannaan teeti akka hin banne si'iif daadimadheera. Atille yennaa gara kiyya deebite, obboleeyyan teeti jajjabeessi!» jedhe.