Luke 22:35 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus, “Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?” jedhee barattoota ifii gaafate. Isaan deebisanee, ‘Womaa hin dhidhanne!” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yeso waan worraani jed'e, Gaafa anini subbafi gorjofi kope male isani erge woma d'abdani? Waan jed'aniini, Hiyyo.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus warraan, “Gaafa anin korojoo, subbaa fi kophee malee isan ergee homaa la dhabdanii?” jennaaniin warrii, “Hiyyoo homaa hindhamine” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Yesuus, «Korojoo, qaraciitii yookaan kophee uduu hin qabatin hennaa ani isin erge wonti isin jalaa dhidhate jiraa?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Yesuus, «Korojoo, karaxiitii yookiin kophee uduu hin qabatin hennaa ani isin erge, wonti isin jalaa dhidhate jiraa?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus barattoota isaatiin, «Korojoo qarshi'ii, qaraaciitii fi kophee'llee uduu hin qabatin yeroo isiniin jedhetti ergetti, wonitti isinitti hanqate ni jiraa ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Womaayyuu wonitti nutti hanqate hin jiru» jechu'uun, ni deebisaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus, «Korojoo, subba yookiin kophee adoo hin qabatin yennaa ani isin erge, wonni isinii dhidhatte jirti?» jedhee barattoota ifii gaafate. Isaan deebisanee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhane.