Luke 22:37 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‘Yakkaameyyii woliin laakkowame’ ka jedhu, ana irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi, waan anini isaniini jed'u, T'aafiini inni worra ch'ubbu woliini dua jettu, anaani guutamu malte. Wonti akanatiifi wonti waan kiyya t'aafani inguutamti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
anin isanitti himaa, qoonqoon Waaqaa ta, ‘Innii warra cubboolee waliin hedhame’ jettu, naan guutamuu malte, maaliif wantii kiyya ka barreessan cuftii inguutamti” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani akkana isiniin jedha, ‹Worra hamaa woliin laakkayame› jedhamee ka barreeffame na irratti raawwatamuu barbaachisa; Ee anaaf amma wonti ta'u na irratti waan raawwatamuuf» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani akkana isiniin jedha, ‹Worra hamaa woliin laakkayame› jedhamee ka barreeffame na irratti raawwatamuu barbaachisa; Ee anaaf amma wonti ta'u narratti waan raawwatamuuf» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waayee kiyyaaf durssee ka barreeffame marrinuu raawwatamuu waan qabuuf, ‹hamaaleyyii woliin ni lakkaayame› ka jedhu, dubbiin kitaaba Qulqullu'uu, ana irratti raawwatamuu qaba, isiniin jedha.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani isinitti hima, Barreeffam Woyyichi, ‹Yakkaameyyii woliin laakkowame› ka jedhu, na irratti muummowiisa qaba; dhugumaan marroo tiyyaaf ta barreeffantelle muummowiisatti jirti» jedhe.