Luke 22:39 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus qachaa keessaa bayee, akkuma aadaa ifii gara Gaara Ejersaa dhaqe; barattooti isaalle isa woliin dhaqane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni achii deeme, akuma aada isaa gara Gaara Ejersa jed'ani d'aqe; jari isaleeni isa gula yae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus achii deemee, akkuma amala isaa gara Gaara Ejersaa dhaqee, jarii isaalleen isa gula yaa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus achi keessaa bayee akkuma aadeeffate gara gaara ejersaa deeme. Darasoonnillee akkasuma isa faana deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus achi keessaa bayee akka aadaa isaa gara gaara ejersaa deeme. Darasoonnillee akkasuma isa faana deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus magaala'aa bayee akkuma barate gara Gaara Ejerssaa ni deeme, barattoonni isaa'llee isa woliin ni deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus qachaa keessaa bayee, akkuma aadaa ifii gara Gaara Ejersaa dhaqe; barattooti isaalle isa woliin dhaqane.