Luke 22:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Yihudaan dhaqee mootota hayyootaatii fi qondaaltota eedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif keennu mari'ate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni deeme, jaarole gugurdofi worra gugurda askartiti dubbate aka Yeso harka worrati kennu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Innii dhaqee, akka Yesus harka warratti kennu, qaallolee gugurdoo fi warra gugurdaa warra mana kadhaa eeguu waliin dubbate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni attamitti akka isa dabarsee kennu bulchoota gadootaatii fi worra mana woyyu'uu woliin mari'ate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee akkamitti akka isa dabarsee kennu bulchoota gadootaatii fi worra mana woyyu'uu woliin mari'ate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Yihudaan gara itti qeesotaatii fi gara ajajoota wordiyyaa Mana Waaqeffanna'aa dhaqee, Yesusiin attamitti dabarssee akka isaanii itti kennu, isaan woliin ni dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Yihudaan dhaqee sooreyyii hayyootaatii fi qondaaltota eedduu Galma Waaqaa woliin attamiin akka Yesuus dabarsee isaaniif kennu mari'ate.