Luke 22:44 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Muddama ifii guddaa keessatti ittuma jabeessee daadimate; danfi isaalle akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan inni guddo gaargala qabuufi guddise kad'ate; damfi isaa lafati ch'och'obe d'iiga fakaate.]
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii waan guddoo gaargala qabuuf guddissee kadhatee, danfii isaa akka dhiigaa lafaatti gad coccophe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni garaa ufii keessatti guddisee hucuucamee faateffata'aa ture. Fuuruun isaa akka dhiigaa lafatti coccophe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee dhiphatee jabaatee faateffate. Fuuruun isaa akka dhiigaa lafatti coccophe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Onnee isaa titti'llee haalaan sarddamee haalaan ni kadhata ture, daniffi isaa'llee akka dhiigaa ta'ee, gara lafaa titti ni dhimmisa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muddama ifii guddaa keessatti ittuma jabeessee daadimate; danfi isaalle akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobe.