Luke 22:47 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, gumiin dhuttee biraan baate; barattoota kudhanii lama keessaa Yihudaa ka jedhamu isaan fidee, Yesuus sunqatiisaaf itti dhikaate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato inni ammalle dubbatu gumiini d'ufte; Yudani, ka jara kud'ani lama keesa jiru, worra dura deeme. Inni Yesoti hiiqe aka isa d'ungatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Yesus ammallee dubbachuu jiruu gumiin dhuftee, jara kudhanii lamaan keessaa tokko ka Yihudaa jedhan, warra dura deemaa dhufee, innii akka isa dhungatu Yesusiitti hiiqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu inni dubbata'aa jiru namoonni hedduu gara isaa dhufan, darasoota kudha lamaan keessaa namichi Yihuudaa jedhamu tokko isaan afoo deema'aa ture. Inni Yesuusiin dhungachu'uuf gara isaa dhufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu inni dubbataa jiru namoonni hedduu gara isaa dhufan, darasoota kudha lamaan keessaa namichi Yihuudaa jedhamu tokko isaan afoo deemaa ture. Innillee Yesuusiin dhungachu'uuf gara isaa dhufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Uduma Yesus kana dubbata'aa jiru kunoo, namoonni baayi'een ni dhufan, ka isaan eemaru'llee kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaa ni ture, Yihudaan'llee isa dhungachu'uuf gara Yesusii, ni dhiyaate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo Yesuus tana dubbatiisatti jiruu, gumiin dhuttee biraan baate; barattoota kudhanii lama keessaa Yihudaa ka jedhamu isaan fidee, Yesuus sunqatiisaaf itti dhikaate.