Luke 22:48 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo, “Yihuda'a, sunqatiisaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni waan jed'eeni, Yuda, atini d'ungooni Ilma Nama gurguratta?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo, “Yihudaa, atin ilma namaa dhungoon gurgurattaa?” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo, «Yihuudaa'a! Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee kennitaa?» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusi ammoo, «Yihuudaa'a, Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee kennitaa?» isaan jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu, «Yaa Yihudaa! Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee, ni kennitaanii ree?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo, «Yihuda'a, sunqatiisaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?» jedheen.