Luke 22:52 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus mootota hayyootaa, qondaltota eedduu Galma Waaqaatii fi manguddoota worra isa qabiisaaf dhufaneen, “Akka ani alagala'aa goraade'ee fi ulee-jirma qabattanee ana qabiisaaf dhuttanee?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni qaalole gugurdofi gugurda askarti Mana Waaqatiifi jaarole isati d'ufteeni waan jed'e, Aka waan hattu qabdani sheeftifi bokuuni d'uftani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus qaallolee gugurdoo, warra gugurdaa warra Mana Waaqaa eeguutii fi maanguddoota biyyaa warra isa qabu dhufeen, “Akka waan hattuu qabdanii goraadee fi bokkuun dhuftanii?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus worra gara isaa dhufan bulchoota gadootaa, ajajoota mana woyyu'uutii fi manguddootaan, «Akka waan ani shiftaa ta'ee guraade'ee fi bokkuu qabattanii dhuftanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee worra gara isaa dhufan bulchoota gadoota, ajajoota mana woyyu'uutii fi manguddootaan, «Akka waan ani shiftaa ta'ee guraade'eef bokkuu qabattanii baatanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesusiin qabu'uuf worra dhufan itti gaafatamoota qeesotaa, ajajoota woriddiyyoota Mana Waaqeffata'aatii fi jaarsotii ummataatiin'llee akkana ni jedhe, «Ana akka shiftta'aa titti qabu'uuf, bilayaa fi ulee qabattanii dhufittanii?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus sooreyyii hayyootaa, qondaaltota eedduu Galma Waaqaatii fi maanguddoota worra isa qabiisaaf dhufaneen, «Akka ani alagala'aa shallaaga'aa fi ulee-jirma qabattanee na qabiisaaf dhuttanee?