Luke 22:53 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyuma guyya'aan isinuma woliin yennaa ani Galma Waaqaa keessa jiru, isin ana hin qanne. Amma ammoo, sa'aatiin tun teessanii fi ta hunni dukkanaa itti mootu” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya ch'ufa nu Mana Waaqa keesa woliini jirra, harkaani na intunne. Ammo hojjaani tuni teesani, ammalle ta jabeenna dukanaati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa cufa ka anin Mana Waaqaa keessa isan waliin jiru, takkuma harkaan na hintundhe. Amma ammoo fulaan tun teessan, ammallee ta jabeenna dukkanaati” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa guyyama guyya'aan mana woyyuu keessatti isin woliin jiru, hennaa san isin qubaanuu na hin tundhe; amma garuu sa'aatiin kun sa'aatii keessanii fi ka baalliin abbaa dukkanaa itti hojjatu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyama guyya'aan hennaa mana woyyuu keessatti isin woliin jiru, hennaa san isin qubaanuu nan tundhe, amma garuu sa'aatiin kun sa'aatii keessanii fi baalliin abbaa dukkanaa itti hojjatu» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyama guyya'aan Mana Waaqeffanna'aa titti isin woliin yeroo argamutti, ana hin qabnne ture, amma garuu yeroo keessan fi yeroo angoo dukkanaati.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyuma guyya'aan isinuma woliin yennaa ani Galma Waaqaa keessa jiru, isin na hin qanne. Amma ammoo, saatiin tun teessanii fi ta hunni dukkanaa itti mootu» jedhe.