Luke 22:54 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus qabanee, fuudhanee deemanee gara mana hayyicha gudda'aa geessane. Pheexroos ammoo fagaatee isa hordofe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yeso qabani gara mana qaallicha gudda geesani, ammo Petroni fago hordofe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus qabanii gara mana qaallicha guddaa geessanii, Phexros ammoo irraa fagaatee duuba deeme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan Yesuusiin qabanii fuudhanii gara mana bulchaa gadootaa geessan. Pheexroos ammo fago'otti isa faana deema'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee Yesuusiin qabanii fuudhanii gara mana bulchaa gadootaa geessan. Pheexroos ammoo fago'otti isa faana deemaa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti namoonni Yesusiin qabanii fudhataniiniiti gara mana itti gaafatamaa qeesotaa ni fidaniin, Phexiros'llee achi fagaatee ni horddofaan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus qabanee, fuudhanee deemanee gara mana hayyicha gudda'aa geessane. Pheexroos ammoo fagaatee isa hordofe.