Luke 22:58 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa diqqo'oon duuba nami dhibiin isa dhaggee, “Ati isaan keessaa tokko” jedhe. Pheexroos ammoo, “Namicha, anaa moti!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Diqo eege, nami d'ibileeni isa arge waan jed'eeni, Atileeni nama isaatiiyu! Ammo Petroni waan jed'eeni, Laki, abbo, ananiti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Diqqumaa turraan eegee namii dhibiilleen isa argee, “Atinlleen nama isaatiiyyuu!” jennaaniin Phexros, “Lakkii abboo, anaanitii” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa diqqo'oon maayessa namni biraa isa argee, «Atuu isaanuma keessa» jedheen. Pheexroos ammo, «Namana namni sun anaa miti» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa diqqo'oon maayessa namni biraa isa argeeti, «Ati isaan keessaa tokko» jedhe. Pheexroos ammoo, «Namana namni sun, anaa mit» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo muraasaan duubatti naminni bira'aa tokko Phexirosiin argeeniiti, «Ati'llee isaan keessaa tokko!» jedheen. Phexiros garuu, «Nama nana, mitii!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa diqqo'oon duuba nami dhibiin isa dhaggee, «Ati isaan keessaa tokko» jedhe. Pheexroos ammoo, «Namicha, anaa moti!» jedhe.