Luke 22:61 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Goottaan garagalee Pheexroos ilaale. Achiin duuba Pheexroos Jecha Gootta'aa, ka duri inni isaan, “Edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin ana hin mormatta” jedhe qaabbatee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabbooni garagale Petro millate; duuba Petroni dubbi Aabbo qaabate ta inni isaani jed'e, Arra, ato kormi luku iniyiini, atini maro sadi na mormatta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aabboon garagalee Phexros millate, Phexros dubbii Aabboo ta innii isaan, “Ardha, adoo kormii lukkuu hiniyyin, atin marroo sadii na mormatta” jedheen taan qaabatee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Gooftaan midhatee Pheexroosiin laale. Pheexroos dubbii Gooftaan, «Adha uduu lukkuun hin iyyine hennaa sadihi na ganta» jedhe qaabate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gooftaanillee midhatee Pheexroosiin laale. Pheexroosillee, adha lukkuun uduu hin iyyine hennaa sadi na ganta dubbii Gooftaan jedhe qaabate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kanatti Gooftaan Yesus ufi irra garagalee Phexirosiin ni laale, Phexiros'llee, «Adha lukkuun uduu hin iyyin yeroo sadihii ana waakkatta» jechu'uun, Gooftaan Yesus dubbii dubbate, ni yaadate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan garagalee Pheexroos ilaale. Achiin duuba Pheexroos Jecha Gootta'aa, ka duri inni isaan, «Edanuma adoo lukkuun hin iyyin yennaa sadiin na hin mormatta» jedhe qaabatee,