Luke 23:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Namicha nageya booressiisaa fi nama ijjeesiisaan hidhameeru, ka kolbaan gaafatte hiikee, akka fedha isaanii Yesuus dabarsee isaanitti kenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni nama worri fed'u, ka waan lolatiifi waan ijeechatifi hid'ani kaani hiikhe, Yeso harka worrati kenne aka waan fed'ani tolchani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii nama warrii fedhu, ka waan lolatii fi waan ijeechaatiin hidhan kaan hiikee, Yesus ammoo akka waan fedhan tolchan harka warratti kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namicha qachaa booreessee nama ajjeesee mana hidha'atitti hidhamee ture san waan kadhataniif gad isaanii dhiise. Yesuusiin ammo fedhii isaaniitiif dabarsee kenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namicha qachaa booreesee nama ajjeesee mana hidha'atitti hidhamee ture san waan kadhataniif gad isaanii dhiise. Yesuusiin ammoo akka fedhii isaaniitiif dabarsee kenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jeeqama kaasu'uu fi nama ajjeesuun hidhamee ka ture Barbaaniin akkaataa gaafii isaaniitiin gad ni dhiiseen, Yesusiin garuu akkuma fedhii isaanii titti, dabarssee isaaniif ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namicha nageya booressiisaa fi nama ijjeesiisaan hidhameeru, ka kolbaan gaafatte hiikee, akka fedha isaanii Yesuus dabarsee isaanitti kenne.