Luke 23:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo Yesuus geessanuu, nama biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko baadiyya'aa galuun qabanee, muka fanno'oo ba'atee Yesuus faana akka deemuuf irra keyane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato isa fuud'ani geesanu, namicha toko ka Simoni jed'ani ka lafa Kirene gara oobruti d'ufuu jiru, qabani maskali ira kayani, baachisani Yeso gula deemsisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo isa fuudhanii geessanuu, namicha biyya Qareenaa ka Simoon jedhan tokko, ka gara oobruuttii dhufuu jiru qabanii, akka innii fannoo baatee Yesus gulaan deemu irra kaa'an.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Yesuusiin achi geessan namichi biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko hennaa baadiyya'aa dhufu Yesuusiin faana fannoo baatee akka deemu itti baachisan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa Yesuusiin geessan, namichi biyya Qareena'aa Simoon ka jedhamu tokko baadiyya'aa hennaa dhufu Yesuusiin faana fannoo baatee akka deemu itti baachisan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf Yesusiin ni fudhataniin, qabanii yoo deemantti, nama biyya Qereena'aa ka ta'e Simooniin badiyya'aa gara magaala'aa yeroo galutti ni argataniin, isa'llee qabanii fannoo Yesusii itti baachisaniit, Yesusiin akka horddofu ni taasisaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo Yesuus geessanuu, nama biyya Qareena'aa ka Simoon jedhamu tokko baadiyya'aa galuun qabanee, muka fanno'oo ba'atee Yesuus faana akka deemuuf irra keyane.