Luke 23:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gumiin guddoon Yesuus hordotte; gumii san keessa dubartooti qoma dhowataa isaaf boottulle jirti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumiini nami hedduuni isa gula yaate. Gumi suni keesa nad'eeni isaa boote lalefate jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumiin guddoon isa gula yaate, gumii sun keessaa ammoo nadheen laalefattee isaa bootteetti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii san keessaa dubartoonni hedduu booya'aa boochisa'aa isa faanaa deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Banii san keessaa dubartoonni hedduu booyaa boochisaa isa faanaa deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni baayi'een'llee Yesusiin ni horddofan turan, isaan keessaa'llee laphee isaanii dhaya'aa, dubarttoonni booyan ni turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gumiin guddoon Yesuus hordotte; gumii san keessa dubartooti qoma dhowataa isaaf boottulle jirti.