Luke 23:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo gara isaanii garagalee, “Dubartii Yerusaalemii, ifii fi ijoollee teessaniif booya'a malee, anaaf hin booyina'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Yesoni isiiti garagale waan jed'eeni, Dubra Yerusalemu, naa imbohiina, ammo ufiifi ilmaani teesani boha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus gara isaanii garagalee, “Dubra Yerusaalem, naa hinboo'iinaa, ammoo ufii fi ilmaan teessanii boo'aa;
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammo gara isaanii midhatee akkana jedhe, «Isin dubartoonni Yerusaalemii! ufii fi ijoollee keessanii booyaa malee naa hin booyinaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammoo gara isaanii midhatee akkana jedhe, isin dubartoonni Yeruusaaleemii ufiif ijoollee keessanii booyaa malee naa hin booyinaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu gara isaanii deebi'eet akkana isaaniin ni jedhe, «Isin dubarttoota Yerusaaleem, waayee mataa keessaniitii fi waayee ijoollee teessaniitiif booyaa malee, waayee kiyyaaf hin booyinaa!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo gara isaanii garagalee, «Dubartii Yerusaalemii, ifii fi ijoollee teessaniif bowa'a malee, naaf hin bowina'a!