Luke 23:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sababille guyyooti isaan, ‘Maseenni, gadaammessi ijjumaa hin deyinii fi harmi hin hoosisin ka badhaadhane’ jedhanu hin dhufan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi guyyaani ind'ufa, ka nami ayyaana maseenatifi ka nad'eeni taka d'alte ilmaani inhoosisini jed'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
wantii akkanatiif Guyyaan maseenaa fi nadheen takka dhaltee ilmee hinhoosisiin ta eebbifamte jedhan indhufa?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo, ‹Dhabduun, gadaamessi sirimaa hin deennee fi harmi hin hoosifne ammo ka eebbifame› hennaan jedhamu kunoo hin dhufa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, ‹Dhabduun, gadaamessi sirimaa hin deennee fi harmi hin hoosifne ka eebbifame› hennaan jedhamu kunoo hin dhufa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
‹Dubarttoonni finna dhabddoota ta'anii fi gadaamessoonni hin dayinii fi harmmoonni hin hoosisin, isaan attam ka eebbifamanii!› Guyyoonni itti jedhaman ni dhufan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sababille guyyooti isaan, ‹Maseenni, gadaamessi ijjumaa hin deyinii fi harmi hin hoosisin ka badhaadhane› jedhanu hin dhufan.