Luke 23:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Philaaxoos, “Mootiin Yihudootaa si'ii?” jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, “Maarre atuu jette” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pilatoni isa gaafate waan jed'eeni, Atini hayyu Yahuditi? Yesoni waan jed'eeni, Atu ya jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Philaaxos, “Ati hayyuu Yihudootaatii?” jedhee isa gaafate innii, “Atuu ya jette” jedhee deebiseef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Philaaxoos, «Ati mootii Yihuudi'iitii?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Maarre atuu jettee» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Philaaxoosillee, «Ati mootii Yihuudiitii?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Maarre atuu jette» isaan jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Philaaxos'llee, «Ati nugusa worra Yihudotaatii?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafateen. Yesus'llee, «Akkuma ati jette» ni jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Philaaxoos, «Mootiin Yihudootaa si'ii?» jedhee isa gaafate. Yesuus deebisee, «Maarre atuu jette» jedhe.