Luke 23:33 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Addee “Buqqii Mata'aa” jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaammeyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla Buqe mata jed'ani geennaani, achiti maskaliti isa fannisani. Jara lamaani toko ka wo yakele, toko gama mirgati kanile gama bitati fannisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fulaa Buqqee Mat. aa jedhan geennaan, achitti fannootti isa fannisan. Jara lamaan tokko ka wa yakkeellee, tokko gama mirgaatti kaan ammoo gama bitaatti fannisan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa hulee Qaraaniyoo jedhamu gayan achitti isaa fi worra yakka hojjatan lamaan, tokko mirgaan; ka lammeesso'oo bitaa isaatiin fannisan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa hulee Qaraaniyoo jedhamu gayan, achitti isaaf worra yakka hojjatan lamaan tokko mirgaan ka lammaffa'aa bitaa isaatiin fannisan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qaraanyoo yookiin gara bakka Buqqee Mata'aa jedhamee'llee yeroo gayanitti, achitti Yesusiin ni fannisan, akkuma kana yakkamttoota lamaan'llee bita'aa fi mirga Yesusiitiin ni fannisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addee «Buqqii Mata'aa» jedhantu yennaa geyane, achitti Yesuus fannisane; yakkaameyyiille tokkocha midda isaatitti, kaan bitaa isaatitti fannisane.