Luke 23:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammoo, “Abba'a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!” jedhe. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'e, Aabbo, worra kana araarami, waan tolchu jirani imbeekhani. Woya isaa hit'a buufatani qoodatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus, “Aabboo, warra kanaa araaram, waan tolchuu jiran hinbeekanii” jedhe. Warrii ammoo wayaa isaa hixaa buufatee qoodate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuusillee, «Aabbaa'a! isaan waan godha'aaranuu waan hin beenneef isaanii dhiisi!» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee, «Abbaa'a, isaan waan godha'aaranuu waan hin beenneef, isaanii dhiisi!» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus, «Yaa Abbaa! Waan raawwatan waan hin beekinneef, isaanii dhiisi!» jedhe. Loltoon'llee carraa buufatanii uffata Yesusii ni qoodaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammoo, «Abba'a, isaan waan godhiisatti jiranu waan hin beenneef, isaaniif araarami!» jedhe. Isaan carraa buufatiisaan woyaa isaa qoodamane.