Luke 23:35 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan achi dhaabbattee ilaaliisatti jirtiiyyu; bulchitootille itti taphatanee, “Inni worra dhibii fayyiseera; Masiihii Waaqi filate yoo te'e ifi fayyisuu ti!” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti oliejanjite daawatte; jari gugurdaani Yahudi isa goyeese waan jed'e, inni nama d'ibi baase ha ufi baasu yo inni Kristo Waaqi fohate tahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Biyyitii olejaajjitee daawwatte; jarii gugurdaan Yihudootaa isa gooyyeessee, “Innii yo Kiristoo Waaqii foohate ta'e, nama dhiibii la baasee ufi ha baasuu” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uffata isaallee qoodamu'uuf hixaa itti buufatan. Gumiinillee dhaabatee laala'aa ture. Ajajjoonnillee akkasuma, «Kaawwan fayyiseera; Inni Kiristoosii Rabbiin filatame yoo ta'e uf haa fayyisuu!» jedha'aa isatti balda'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uffata isaallee qoodamu'uuf hixaa itti buufatan. Gumiinillee dhaabatee laala'aa ture. Ajajjoonnillee akkasuma, «Kaawwan fayyiseera; Inni Kiristoosii Rabbiin filatame yoo ta'e uf haa fayyisuu!» jedhaa itti balda'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ummanni'llee dhaabatee ni laalaa ture, itti gaafatamoonni Yihudotaa'llee, «Kaaniin fayyisee jira, eegaa inni ka filatame Masihicha Waaqaa eega ta'e, mee mataa isaa haa fayyisu!» jedha'aa, itti ni baldan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan achi dhaabbattee ilaaliisatti jirtiiyyu; bulchitootille itti taphatanee, «Inni worra dhibii fayyiseera; Masiihii Waaqi filate yoo te'e ifi fayyisuu ti!» jedhane.