Luke 23:38 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffam, “Kun Mootii Yihudootaati” jedhu mataa isaatiin gubbaa jiraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi tana isa gararoti t'aafani, Kunini hayyu Yahudi jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Barruu tana mataa isa gararootti barreessanii, “Kunin hayyuu Yihudootaa” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jechi, «Kun Mootii Yihuudotaati» jedhu tokko afaan Giriikii, Roomaayisxii fi Ibraayisxiin barreeffamni barreeffame mataa isaa gubbaa jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Kun Mootii Yihuudotaati» jechi jedhu tokko afaan Giriikii, Roomaayisxii fi ibiraayisxiin barreeffamni barreeffame mataa isaa gubbaa jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kun nugusa worra Yihudotaati» barreeffama jedhu'llee, mataa fannoo Yesusii gubba'aan ni kaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barreeffam, «Kun Mootii Yihudootaa ti» jedhu mataa isaatiin gubbaa jiraayyu.