Luke 23:47 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ajajaan dhibbaa waan te'e kana yennaa dhagge, “Namichi kun dhugumaan nama balcha'a” jedhee Waaqa galateeffate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guddaani askarti waan tahe arginaani Waaqa faarse waan jed'e, D'uguma namichi kunini nama d'ugaati!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guddaan warra waraanaa waan ta'e arginaan, “Namichii kunin dhuguma nama qajeelaa!” jedhee Waaqaa faarse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajaan loltuu dhibbaa hennaa waan ta'e san arge, «Namni kun dhugamaan balcha'a!» jedhee Rabbiin kabajje.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ajajaan loltuu dhibbaa waan ta'e san hennaa arge, «Namni kun dhugamaan qajeela'a» jedhee Rabbiin kabajje.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajaan dhibaa ka achi ni jira ture waan ta'e yeroo argetti, «Dhugamaanuu naminni kun qulqullaayomaa ta'ee jira!» jedhee, Waaqaaf ulfinna ni kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajaan dhibbaa waan te'e kana yennaa dhagge, «Namichi kun dhugumaan nama balcha'a» jedhee Waaqa galateeffate.