Luke 23:50 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namichi dansa'aa fi balchaan, ka mootummaa Waaqaa eeggatiisatti jiru, ka biyya Yihudootaa qachaa Armaatiya'aa keessaa dhufe, ka Yoseef jedhamu tokko jira. Inni miseensa kora murti'ii te'ulle mura'aa fi hujii isaaniititti wolii hin galin ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama toko jira ka Yusufu jed'ani. Inni nama dansa, ka d'uga, ka kora worra ke jiru,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Biyya Yihudootaa olaa Armaatiya keessa nama dhugaa dansaa, tokkootti ka Yoseef jedhan jira. Innii kora warraallee keessa jira; ammoo herregaa fi hujii warraallee hinquufu. Innii ammallee nama Mootummaa Waaqaa eegatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi miseensa gumii Yihuudotaa ka Yooseef jedhamu tokkotu ture. Inni nama misha'aa fi qajeela'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namichi miseensa gumii Yihuudotaa ka Yooseef jedhamu tokkotu ture. Innillee nama misha'aa fi qajeela'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Magaalaa Yihudotaa ka taate Armaatiyaasiin keessa ka jiraatu Yooseef nama jedhamu tokkotu jira ture, inni'llee qulqullaayomaat fi nama mishaa ni ture, inni'llee miseensa yaa'ii Yihudotaa ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year