Luke 23:51 — Compare Translations
4 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo heregafi huji worra inquufu. Inni nama dira Arimathaya, diri suni, ka Yahudi; ammalle inni Finna Waaqa eegata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni mari'ii fi hujii isaanii keessa hin jiru. Yooseef qachaa Yihuuda'aa ta Armaatiyaas jedhamtuu dhufe, Inni akkasuma jeennata Rabbii eeggata'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni mari'ii fi hujii isaanii keessa hin jiru. Yooseef qachaa Yihuuda'aa ta Armaatiyaas jedhamtuu dhufe, Innillee akkasuma jeennata Rabbii eeggata'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u malee marri fi dhawa worra Yihudotaa keessatti hin hirmmaane, inni'llee Mootummaa Waaqaa abddi'iin nama eeggatu ture.