Luke 23:53 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba reeffa gad buusee woyaa qoolaan maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoyeeru, ka nami ijjumaa itti hin awwaalamin keessatti awwaale.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani maskali ira gabuuse, woya booftatiini mamare, goda d'akha ka taka nama iti inawaaliini keesati awaale.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan fannoo irraa gabuusee, wayaa marduufaatiin mammaree, goda dhakaa ka takka nama itti hinawwaaliin keessatti awwaale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fannoo irraa buusee qoolaan kafanee awwaala dhagaa irraa bocame ka namni biraa haga ammaa itti hin awwaalamne keessa kaaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fannoo irraa buusee qoolaan kafanee awwaala dhagaa irraa bocame ka namni biraa haga ammaa itti hin awwaalamne keessa kaaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Reeffa'llee fannoo irraa buusee woyaa leelashe'eetiin ni kafaneen, awwaala naminni kumi'llee itti hin awwaalamin, awwaala dhagaa irraa bocamee qophaaye keessatti ni awwaaleen,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba reeffa gad buusee woyaa qoolaan maree, boolla awwaalaa ka dhakaa keessatti bocamee qophoweeru, ka nami ijjumaa itti hin awwaalamin keessatti awwaale.