Luke 23:55 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dubartooti Galiilaa irraa Yesuus woliin dhufane, Yoseef faana deemanee addee awwaalaatii fi akka reeffi Yesuusii itti awwaalame dhaggane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nad'eeni haga lafa Galilaya isa gula d'ufte d'at'e awaala agarte, aka reefa ch'iifsisanile ilaalte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nadheen haga lafa Galiilaa isa gula dhuftee dhaxxee awwaala agartee, akka reeffa ciifsisaniillee lalte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubartoonni Yesuusiin woliin Galiila'aa dhufanillee isa faana deemanii hulee awwaalaatii fi reeffallee attamitti akka kaayan argan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dubartoonni Yesuusiin woliin Galiila'aa dhufanillee isa faana deemanii awwaalaaf reeffallee attamitti akka kaayan argan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dubarttoonni Yesusiin horddofanii Galiila'aa dhufan, Yooseefiin woliin deemanii awwaala ni laalan, reeffi isaa akka awwaalame'llee ni arggan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartooti Galiilaa irraa Yesuus woliin dhufane, Yoseef faana deemanee addee awwaalaatii fi akka reeffi Yesuusii itti awwaalame dhaggane.