Luke 23:56 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba gara manaa debi'anee uddowa'aa fi fiqiree qopheessane. Guyyaa Sanbataa akka Seerri ajajutti foorfatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani dachaate, waan urgooftufi d'ad'a qayya qabu mid'aasite. Akuma Seeri jed'u guyya Sabato boqatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan dachatee, waan urgooftuu fi dhadhaa qayya qabu midhasitee, guyyaa Sanbataa ammoo akkuma seerii jedhu boqatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achii deebi'anii beensoo, ansha'aa fi waan diban qopheessanii akka seeraatitti guyyaa Sambataa hara baafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achii deebi'anii anshaa fi urgo'oof waan diban qopheessanii akka seeraatitti guyyaa Sambataa harabaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara mana isaanii'llee deebi'anii reeffaaf ka ta'an, urgoofttuu foolii mishaa qabuu fi shittoo ni qopheessan, akkaataa seeraatiin'llee guyyaa Sanbbataa boqatanii ni oolan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba gara manaa deebi'anee uddowa'aa fi fiqiree qopheessane. Guyyaa Sanbataa akka Seerri ajajutti foorfatane.