Luke 23:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus biyya Heroodis bulchu keessaa akka te'e yennaa hubate, gara Heroodisii isa erge; yennaa san Heroodis biyya Yerusaalemii keessa jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka inni hayyu Herode jala jiru d'ageennaani Herodeti erge, ka hojja suni Yerusalemu jiru.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka innii hayyuu Herodis jala jiru dhageennaan Herodisitti erge; Herodis ammoo yo sun Yerusaalem jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Philaaxoos akka Yesuus bulchiinsa Heroodisii keessa ta'uu beeke; hennaa san Heroodis waan Yerusaalemiin keessa tureef gara isaa erge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchaa Heroodisii keessaa akka ta'e haga beeke, gara Heroodisii erge. Innillee ammoo hennaa san Yerusaalemiin waan tureef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus ka dhufe bulchiinsa Heerodisii keessaa ta'uu isaa Philaaxos yeroo beeketti, gara Heerodisii ni ergeen, Heerodis'llee yeroo sanitti Yerusaalemiin jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus biyya Heroodis bulchu keessaa akka te'e yennaa hubate, gara Heroodisii isa erge; yennaa san Heroodis biyya Yerusaalemii keessa jira.