Luke 23:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Heroodis yennaa hedduu dhaggiisaaf waan barbaadaa tureeruuf, yennaa Yesuus dhagge guddoo gammade. Marroo isaa waan dhage'eeruuf, bilbaasa garii inni hujuun dhaggiisaaf addateera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Herodeni Yeso arginaani guddo gammade, waan haguma duri inni odu isaa d'agaye isa argu fed'eefi; ammalle inni akheekha Yesoni tolchu argu fed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Herodis Yesus arginaan guddoo gammade; waan haguma durii oduu isaa dhagayee isa arguu fedheef; ammallee waan waan mamaa ta Yesus tolchu arguu fedheef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Heroodis hennaa hedduu waan Yesuusiin arguu barbaaduuf hennaa isa arge guddisee gammade. Waan isaa waan dhagayee tureef hennaa inni baasa hojjatu argu'uuf hawwa'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Heroodisillee Yesuusiin hennaa arge, guddisee gammade. Sababaa waan isaa dhagayeef hennaa dheeraa isa argu'uuf hawwaa waan tureef. Malkata guddaa inni hojjatu argu'uuf abdii godha'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Heerodis Yesusiin yeroo argetti haalaan ni gammade, waayee Yesusii ni dhagaya waan tureef, isa argu'uuf yeroo baayi'ee ni hawwa ture, akkuma kanaan'llee Yesus baasaa yeroo raawwatu argu'uuf'llee, abddii ni taasisa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Heroodis yennaa hedduu dhaggiisaaf waan barbaadaa tureeruuf, yennaa Yesuus dhagge guddoo gammade. Marroo isaa waan dhage'eeruuf, bilbaasa garii inni hujuun dhaggiisaaf addateera.