Luke 24:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri waan kana ergantootatti himane, Maariyaamii qachaa Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi dubartoota dhibi'i.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nad'eeni ergattuti himte Mariamu Magdalenefi Yoanafi Mariamu haad'a Yakobotifi nad'eeni d'ibi ta worra woliini jirtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nadheen waan kana ergamtootaatti himtee, Maariyaam Magdalaa, yo'anaa, Maariyaam haadha Yaqoobiitii fi nadheen dhibii ta warra waliin jirtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri waan kana ergamtootatti himan Maariyaamii qachaa Magidala'aa, Yohaanaa, haadha Yaaqoobii Maariyaamii fi dubartoonni biraallee isaan woliin jiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri waan kana ergamtootatti himani, Maariyaamii qachaa Magidala'aa, Yohaanaa, haadha Yaaqoobii Maariyaam, dubartoonni biraallee isaan woliin jiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee ergamittootatti ka dubbatan Maariyaam magdalaa, haadha Yohanna'aatii fi Yaaqoobii Maariyaamiin, akkuma kana dubarttoonni bira'aa'llee ni jiran turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri waan kana ergantootatti himane, Maariyaamii qachaa Magdalaa, Yo'anaa, Maariyaamii haadha Yaaqoobiitii fi dubartoota dhibi'i.