Luke 24:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Pheexroos ammoo ka'ee gara boolla awwaalaa rukkise. Gad jedhee boolla awwaalaa keessa ilaalee, woyaa itti marane malee womaa hin dhaggine. Achiin duuba waan te'e kana baaseffataa gara manaa deebi'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Taatule Petroni kae gara awaala utaale, d'aqe gajed'e awaala keesa millate, boofta taani ta koba jirtu arge, kae gale, waan tahe kana maadefate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Taatuullee Phexros ka'ee gara awwaalaa utaalee, dhaqee gajedhee awwaala keessa millatee, marduufa kaan ka kopha jiru argee, ka'ee galee, waan ta'e kana maadeffate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroos ammo ka'ee gara awwaalaa fiige. Achi gayee gad jedhee yoo laalu qoola jirbii irraa hojjatame callaa arge. Waan ta'e kana maalala'aa gara mana ufii deebi'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroos ammoo ka'ee gara awwaalaa fiige. Achi gayee gadi jedhee yoo laalu uffata fuuttaa irraa hojjatame qofa arge. Waan ta'e kana maalala'aa gara mana ufii deebi'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros garuu ka'ee gara bakka awwaala ni fiige, achi'llee yeroo gayetti gad jedhee yoo laalutti, woyaan leelashe'ee haphii ka reeffi isaa ittiin kafaname akkuma adda kaayamee jiruun ni arge, waan ta'een'llee maalalffata'aa gara manaa ni deebi'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Pheexroos ammoo ka'ee gara boolla awwaalaa rukkise. Gad jedhee boolla awwaalaa keessa ilaalee, woyaa itti marane malee womaa hin dhaggine. Achiin duuba waan te'e kana baaseffataa gara manaa deebi'e.