Luke 24:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gaafuma san isaan keessaa nami lamaan gara ollaa Yerusaalemii irraa kiiloo meetrii kudha tokko fagaatu, ka Emahuus jedhamuu dhaqiisatti jiraniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyyuma suni worra keesa nami lama gara olla toko ka Emmao jed'ani, ka haga maili torba Yerusalemu iraa fago, d'aqe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyuma sun warra keessaa namii lama gara ollaa tokko ka Emaahus jedhan, ka haga kiilometerii kudhanii tokkoo (yokaan karaa miilan haga saatii lamaa fagaatu.) Yerusaalem irraa fagaatu dhaqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa san isaan keessaa namoonni lamaan Yerusaalemiin irraa kiilomeetira kudha lama fagaatu gara ganda Emaahuus jedhamtuu deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa san isaan keessaa namoonni lamaan Yeruusaaleemiin irraa kilo meetira kudha lama fagaatu gara ganda Emaahuus jedhamtuu deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyama kanatti horddofittoota Yesusiin keessaa lamaan Yerusaalemiin irraa haga kiloo meetira kudha lamaa gara bakka fagaattee argamittu, Eemaahus jedhamtee gara ganda waamamuu, ni adeeman turan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gaafuma san isaan keessaa nami lamaan gara ollaa Yerusaalemii irraa kiiloo meetira kudha tokko fagaatu, ka Emahuus jedhamuu dhaqiisatti jiraniiyyu.