Luke 24:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan ammoo, “Latti galgaloottee, waan dhiyiisatti jirtuuf, nu woliin buli!” jedhanee jabeessanee isa kadhatane. Maarre inni isaan woliin buliisaaf gara manaa seene.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
ammo worri isa sobate waan jed'ani, Fulla teenna buli, aduuni la d'iu geete, guyyaani amma alati inhamne. Duuba inni worra woliini bulisa tahe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii ammoo, “fulaa teenna bul, aduun la dhiyu geettee, guyyaan amma alatti hinhamne” jedhee isa sobate; tanaaf innii warra waliin buliisa ta'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan, «Waan lafti galgalaayee dukkanaayeeruuf nu bira buli» jedhanii jabeessanii kadhataniin. Inni isaan bira bulu'uuf seene.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan, «Waan lafti galgalaayee dukkanaayeeruuf nu bira buli» jedhanii jabeessanii kadhataniin. Innillee isaan bira bulu'uuf seene.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan garuu, «Guyyaan dhiyee jira, aduun'llee aseenu'uu isi'iiti, kanaaf nu'uun woliin asi buli!» jedhanii, cimisanii ni kadhataniin, sababa kanaan isaan woliin bulu'uuf, gara manaa ni aseene.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan ammoo, «Latti galgaloottee, waan dhiyiisatti jirtuuf, nu woliin buli!» jedhanee jabeessanee isa kadhatane. Maarre inni isaan woliin buliisaaf gara manaa seene.