Luke 24:41 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan gammadaa fi baaseffataan waan guutamaneeranuuf ammalle dhugeeffatiisa dhabanee jennaan, “Waan nyaataa asii qaddanii?” jedhee isaan gaafate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba mamani gammadani akanaani d'ugefachu dad'abani, tanaafi inni waan jed'eeni, waan nyaatani arma qabdu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii waan guddoo gammadee mameef, akkanan dhugeeffachuu dadhabee, innii, “Waan nyaatan armaa qabduu” jedhee gaagate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee guddisanii waan gammadaniif amanuu dadhabanii maalala'aa uduu jiran waan nyaatan asii waa qabduu? isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee guddisanii waan gammadaniif amanuu dadhabanii maalala'aa uduu jiran, waan nyaatan asii waa qabduu? isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
isaan'llee gammachu'uu fi baayi'inna maalalffataa irraa ka ka'een, amma'llee hin amanneen turan. Yesus'llee, «Waan nyaatamu woyii qabddanii?» jechu'uun, isaan ni gaafate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan gammadaa fi baaseffataan waan guutamaneeranuuf ammalle dhugeeffatiisa dhabanee jennaan, «Waan nyaataa asii qaddanii?» jedhee isaan gaafate.